Sun. Jun 16th, 2024

Gamtaan Awrooppaa Ityoophiyaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 53.7 taasise

Gamtaan Awrooppaa Ityoophiyaatti lammiilee tumsa barbaadaaniif deeggarsa Yuuroo miiliyoona 53.7 taasiseera.
Gamtaan Awrooppaa naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa barbaadan dabalatee biyyatti lammiilee deeggarsi barbaachisuuf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 53.7 taasisuu ifoomseera.


Gamtichatti komishiniin hoggansa balaa Jaaneez Leenaarchiichi, naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa barbaadaniif dursi akka laatamuu ibsaniiru.
Deeggarsichi naannoo Tigraayitti lammiilee deeggarsa barbaadaan dabalatee lammiilee sababoota adda addaa fi walitti bu’insaan buqqa’aniifis ni oola jedhameera.


Gamtaa Awrooppatti komishiniin hoggansaa balaa Jaaneez Leenaarchiichi boruu Ityoophiyaa galuun Itti aanaan Muummee Mnistiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin waliin ni mar’atuun eegama.

Maddi: FBC

By ADMIN

Leave a Reply